Jeremiah 44:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi, guddaani Israeli, waan jed'u, Isani badi hamtu anini Yerusalemufi dira Yuda ch'ufatini d'ufe ya agartani. Arrale diri sunini ona fakaata, nami tokoleeni keesa intau;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedhe, «Badii ani Yerusaalemii fi qachoota Yihuuda'aa garii maraa irratti fide isinuu argitaniirtan; isaan ammallee akkuma diiggamanitti jiran; eennullee isaan keessa hin jiraatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, «Qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa mara irratti badii guddoo ani fide isinuu dhaggitaneertan; kunoo adha isaan diigamanee onanee ka nami keessa hin jirre te'aneeran.