Jeremiah 44:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti AABBO Waaqi, guddaani Israeli, jed'u tana; isanifi nad'eeni teesanileeni kakhu jabdu hayyiti gubbati kakhatani waan jettaniini, Hit'aana sii aarsine, daad'i d'ibaayu sii baamna. Haga arraa isani kakhu suni ya guutani. Hayye, illakisina, guutuma guuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isinii fi haawwonni manaa teessan mootittii sami'iitii waan woreega galtan kennu'uuf waadaa galtaniirtan; kunillee isin isi'ii hixaana aarsu'uu fi kennaa daadhii woyini'iillee isi'ii dhibaasu'uuf waadaa galtan raawwattaniirtan; eeganaa isin waadaa deebitanii galtan eega'aa raawwadhaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isinii fi niitoti teessan, waaqa dharaa Mootittii ol-gubba'aatiif: Nuuti dhugumaa hixaana hin aarsina; daadhii woyni'ii hin dhibaanya jettanee waadaa galtane muummessitaneertan; dhaqa'aatii waadaa galtane san muummessa'a› jedha.