Jeremiah 44:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo amma tana kakhu anini, AABBO Waaqi, maqa kiyya jabaani isani worra Yahudi, ka lafa Misiri keesa jirtuti kakhad'e ch'aqasa. Anini iti deebie ee injed'u, aka isani nami tokoleeni maqa kiyyaani kakhate, anini Waaqa jiruni kakhad'a injenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu worri Israa'elii ka biyya keessa jiraattan maruu waan ani Rabbi maqaa kiyya jaba'aan kakadhee murteesse dhagayaa'a; isin keessaa namni tokkollee ‹Rabbii jiraataa› jedhee maqaa kiyyaan akka kakatu ani itti hin dhiisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin Yihudooti biyya Gibxi'ii keessa leetanu ammoo, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Mootiin Waan Maraa, ‹Yihudoota worra biyya Gibxi'ii leetanu kana keessaa, nami tokkolle haganaa achi: Dhugaa Waaqa jiraata'aa jedhee maqaa kiyya akka hin dhoonne yookiin maqaa kiyyaan akka hin kakanne, ani maqaa kiyya gudda'aan kakadheera.