Jeremiah 46:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini guyya AABBO Waaqa guddaa, ka inni haalo baafate, nyaapa isaa balleesu. Goraadeeni isaa worra nyaatte, d'iiga worraa d'udde quufti. Arra AABBO Waaqi guddaani sorio mirga d'aatu galaana Fratiti qaqala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaan kun guyyaa Rabbi Waandhi banii maraa filate; inni adha diintota ufii adabee haluu baya; guraadeen isaa namoota heddu fixa; dhiigaan maanxama; Rabbi Gooftaan banii maraa worra booji'aman ka gara kaabaa ka laga Efraaxisii biratti argaman ciincaa godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan sun ammoo guyyaa Gootta'aa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uu ti; guyyaa inni diinota ifii haluu bayu; shallaagaan isaa haga quufutti isaan hin nyaata; haga dheebuu bawutti dhiiga isaanii hin una. Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'uuf, biyya gara kaabaa laga Efraaxiisii biratti ciincaan hin dhikaata.