Jeremiah 46:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Wonti anini argu kunini maani? Worri ya mudame baqate, askarti worrale ya dabsatani; worri akamale nahe, haga dandau ch'ufa baqate, ufira millachu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Garuu wonti ani arga'aaru kun maali'i? isaan sodaatanii uf irra dacha'aaran; loltoonni isaanii mooyatamaniiran; hulee maraanuu wonti nama sodaachisuu fi raafamni waan jiruuf uduu uf duuba gara galanii hin laalle gara afo'oo dheessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mootii Waan Maraa, ‹Wonni ani dhaggu kun maan? Isaan bararaqaneeran; gara duubaa deebi'aneeran; loltooti isaanii jajjaboon injifatamaneeran; ifi duuba adoo hin ilaalin ariiti'iin baqataaran; bararaqiisi isaan marseera› jedha.