Jeremiah 46:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Misiri, ka aka Nile olbahe, galaana afaani ufi ch'ufati fach'au fakaatu. Worri Misiri waan jed'e, Nu kaane lafa ch'ufa qabanne dirafi nama keesa taule ch'ufa balleesina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ta akka laga Abbaayii kaatee fi lanni guuttee daangaa maraa irratti yaatu tun biyya Misiriiti; biyyi Misirii akkana jetteerti; ‹ani ka'ee adunyaa maraa woliin gaya; qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin balleessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gibxi akka laga Nayilii ka ol ka'uu ti; akka bisaan laga guutee irraan dhangala'uu ti. Isiin, ‹Ani ka'ee lafa hin golla; qachootaa fi namoota isa keessa le'anulle hin balleessa› jetti.