Jeremiah 47:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan nani jed'e: Laali, lagi ya mirgaa d'ufe, bisaani lafa ch'ufati fach'aani. Bisaani suni lafafi waan keesa jiratifi dirafi nama keesa taule ch'ufa fud'atani. Nami qarqaarsa kad'ate, nami lafa keesa jiru ch'ufti aka hama boha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Kunoo bisaan gara kaabaatii ka'ee akka laga lolaan guutee yaa'ee; lafaa fi waan lafa irra jiru maraa qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin dhossa; baniin maruu gargaarsa argachu'uuf iyyan; namoonni lafa irra jiraatan maruu mararamanii booyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, karaa Kaabaatiin bisaan guutee dhufiisatti jira: «Lolaa jabaa hin te'a; lafa sanii fi waan achi keessa jiru mara qacha'aa fi waan qachaa keessa jiru mara hin golla. Kolbaan qoonqoo ol qabattee hin iyyiti; namooti lafa irra le'anu marti wiiccifatanee hin bowan.