Jeremiah 48:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'e Moabuni haguma duriti nagayumani teeti, taka nami imboojine. Moabuni daad'i taka inchochoosini, ta gorjo toko keesaa gorjo d'ibiti taka innaqini, fakaati. Miaa isii taka iyyakine, akuma duri kaani mioofti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Akkuma daadhiin woyini'ii ka meeshaa tokko keessaa gara meeshaa biraa uduu gara hin galchine booruu woliin taa'u mi'aan isaa hin jijjiiramnee akkuma jirutti taa'a; urgaan isaallee ka hin jijjiiramnee akkasuma baniin Moo'aabii hennaa biyyi isaanii ijaaramte irraa jalqabee uduu hin raafamne jiraataniiran; booji'amaniillee hin beekan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Mo'aab ijoollumma'aa jalqaddee rakkoo hin beettu; isiin akka daadhii woyni'ii ta qararantee, okkotee taan irraa gara okkotee dhibi'ii adoo hin naqamin turtee, ta mi'aan isi'ii akkuma qaraa jiruutii fi ta uddaan isi'ii hin jijjiiraminii ti; kolbaan isi'ii booji'antee hin beettu.