Jeremiah 48:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mid'aagumti Moabu ya badde, nyaapi yayu Heshboni qabe, aka gosa Moabu balleesule malate. Dira worra marata inch'alisisani; duulati d'ufe had'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ulfinni Moo'aabii hin lufa; namoonni Hasebooniin kuffisu'uuf seera tumatan; ‹koottaa'a, akka isiin ammaa achi banii hin taane isii balleessinaa› jedhan; isinillee namoota Maadime'ee! waan guraade'een isin ari'aniif akka cadhiftan isin taasisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haganaa achi Mo'aab deebitee hin leellifantu; namooti qachaa Heshiboonii keessatti Mo'aab deebitee akka hin beekkanne, ‹Kowa'a biyya Mo'aabii balleessina› jedhaa mala itti hin dhowan; worri qachaa Maadmeenii keessaalle hin dhumata; shallaagaan isaan hin ari'a.