Jeremiah 48:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira Sibma, atini mukha zabibu ka dameeni isaa galaana soodda ira baate Yazeri geetu fakaata. Ammo amma mid'aani kanke ka gannatifi mid'aani zabibule ya balleesani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Booya banii Yaa'izeeriitii booyu caalaa banii Sibima'aatii iyya'aa booya; qachaa Sibima'aa! ati akka dhaaba biqiltuu woyini'ii ka haafni isaa galaana du'aa lufee haga Yaazeerii gayuuti; garuu daraaraa kee ka gayee fi ka hurbuu kee balleessu dhufeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee muka woynii qachaa Siibmaa, qachaa Yaazeriitiif haga bowu caalaa si'iif hin bowa; dameeleen teeti haga qarqara abbaaya'aa, haga abbaayaa Yaazerii banqaaqaneeran. Ka balleessu dhufee, midhaan dura bilchaatee fi unkuruura woyni'ii hin balleessa.