Jeremiah 48:33 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gammadafi qilit'ama yayu lafa Moabu dansa wo baaftu keesaa fuud'ani. Anini yayu daad'i fulla isi iti miich'ani keesaa yau d'owe; nami daad'i mid'aase, koble gammadu injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gammachu'uu fi burraaquun biyya Moo'aabii laliftuu irraa fudhatameera; hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan keessaa akka daadhiin woyini'ii jigu taasiseera; ka laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa cuunfu hin jiru; yoma laagaa dhageessisellee laagaan sun ka gammachu'uutii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fichaa Mo'aabii ka midhaan dansaa kennu keessaa, gammadaa fi ililleettiin dhabanteerti; ani daadhii woyni'ii addee itti cunfanu keessaa balleesseera; nami gelele'een cunfu hin jiru; hogaan jiraatulle, hogaa gammadaatii moti.