Jeremiah 49:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti Amonini taatu, ka AABBO Waaqi jed'e tana: Worri Israeli meeti? Nami lafa isaani nyaapa iraa d'owu injiru? Worri maanifi worra waaqa Milkomu jed'ani kad'atu lafa gosa Gaditi lakise worri iti qubata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi waan Amoonii akkana jedha, «Israa'el ijoollee dhiiraa hin qabuu? worra isa dhaalullee hin qabuu? eeganaa worri waaqa tolfamaa Milkoom jedhamu waaqeffatu gosa Gaadii gad dhiisisiisanii wonti qachoota isi'ii keessatti quphataniif maali'i ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Marroo Amoonotaatiif Mootiin Waan Maraa, «Israa'el ilmaan dhiiraa hin qabuu? Ta isa dhaaltu hin jirtuu? Worri waaqa dharaa Miilkom waaqonfatu maaf sanyii Gaadii ari'ee, lafa isaanii qabatee qachaa isaanii keessa qubatte ree?