Jeremiah 49:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami gaargala argachu himmalini muduunu gaargalatini d'uge, isani waan gaargala inarganne seetani? Hiyo akasiniti, d'uddani male inteetani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa worri adabbiin isaan hin barbaachifne mijuu adabbi'ii yoo ka afaaniin qaban ta'e isin adabbii malee waan haftan seetanii? miti isin mijuu adabbi'ii dhuguu isin barbaachisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo worri muduunuu adabbi'ii tiyya keessaa unuun isaaniif hin malleeyyuu eega unanu te'ee, isin attam isii keessaa unuu dhaddan ree? Isin adoo hin adabamin hin hattanu; muduunuu adabbi'ii keessaa unuu qaddan.