Jeremiah 49:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma nyeench'i badda galaana Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, aninileeni akasuma d'ufe, worra Edomu lafa isaani keesaa tassa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa jira? Nami woi na gaafatu jira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku, jira?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma leenci bosona jaamaa Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisaa hoolota itti yaasanii dhaqu, ani dimmaa dhufee bulchoota Edoomii ari'a; armaan maayessa nama ufii filadhe moosisa; ka akka kiyyaa eennu? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na afoo dhaabatee na ittisu eennu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, gara lafa marra bisile'ee dhufu, anille dedhuma gara worra Edoomii dhufee, lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. Nami akka kiyyaa eennu ree? Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee na gaafatu eennu ree? Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?