Jeremiah 49:2 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo guyyaani ind'ufa, ka anini worra dira Raba keesa tau iyyanna woraanaa d'ageesisu. Duuba dira suni ona tolchani, ollowaani isaale gubani balleesani. Jennaani worri Israeli lafa isaani ta qara iraa fud'atani deefata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu hennaan ani laagaa lolaa Raabaa qachattii Amooniin keessa jirtu keessatti dhageessisu hin dhufa; isiin ona waan diiggame keessatti tuulan taati; gandi isi'iillee ibiddaan gubaman; kanaan maayessa worri Israa'elii worra armaan dura isaan saama'aa ture deebi'anii saaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, guyyaan ani qachaa Amoonotaa Raabaa irratti iyya lolaa dhageessisu hin dhufa; qachaan sun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; ollaan adaala isi'ii marti ibiddaan hin gubaman. Achiin duuba Israa'el worra dur isii ari'ee dhaale, isiille isaan ariitee hin dhaalti.