Jeremiah 49:23 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti Damaski, ka AABBO Waaqi jed'e tana: Nami dira Hamathitifi ka Arpadi keesa tau waan odu hamtu d'agayeefi ya mudame. Akuma d'awa bisaani, d'ind'isaani sodaani garaa worraa qabate, hafuura baafachu d'owarte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri qachaa Haamaatii fi Arfaadii keessa jiraatan waan oduu Damaasqoon hin baddi'ii dhagayanii jal jedhan; garaan isaanii akka galaana olii gad raafamuu raafame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, Marroo Damaasqo'oo dubbatee: «Kolbaan qachaa Haamaatiitii fi Arphaadii oduu hantuu tana waan dhageetteef, sodaatte. Akka abbaayaa raafantuu raafantee, foora dhadde.