Jeremiah 5:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini AABBO Waaqa; isani maafi na insodaanne? Maafi na durati inholanne? Anini seera baariini maansa tolche lafaani gargari baase seera jiru jireenna ka bisaani indabarre. D'awani ato baariini chochooftele bisaani dandaani seera suni intaakani. D'awani ato dibbiftele dandeete inch'absitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbi; isin maaf na hin kabajjine? maaf na sodaattanii naatanii hin hollanne, bisaan akka xidhacha irra lufee hin deemne ka galaanatti daangaa godhe ana; haguma fedhellee galaanni yoo raafame, dambaliinii fi qilleensi yoo ka'e daangaa xidhachaa lufee deemuu hin danda'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
isin na hin sodaattanuu ree? Na duratti hin hollattanuu ree? Meessaa abbaaya'aa akka te'uuf maansa ka keye ana; abbaayaan meessaa san irra haga bara baraa hin dabartu; danbaliin kaatulle isa irra hin dabartu; abbaayaan huursitelle isa irra hin qaxxaamurtu.