Jeremiah 5:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi nyeench'i badda keesaa yae, worra had'e, yayini lafa gamoojiti baate worra tatarsaafte, qeeramsileeni dira keesati nama gaada. Yo worri sunini mana ufitii gabahe, gargari worra tatarsaasani; wonti akanatiifi dabi worraa gudda, bara ch'ufa worri Waaqa lakise iraa gore.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin hennaa hedduuf didanii Rabbiin dhiisaniiran; kanaaf diintonni isaanii akka leencan bosonaa yookaan akka yeyyiiwwan lafa gammoojjii keessaatitti balaa isaanitti buusan; diintonni sunniin qachoota keessatti dhokatanii namoota achi keessaa bayan maraa akka qeerransaatitti nafa isaanii cicciran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Yakkaan isaanii guddoo waan teeteef, Waaqaaf addatamummaa dhabiis isaanii waan heddatteef, neenqi gongomaa keessaa bayee isaan hin ijjeesa; yayyiin goomolee keessaa isaan hin kukkutti; qeeransille nama gad bayu mara kukkutiisaaf, adaala qachaa isaaniititti isaan hin gaada.