Jeremiah 50:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gama ch'ufaa iti iyya! Babilonini amma ya harka kennate. Naabo isa ya ch'absani balleesani. Anini worra Babiloni haalo baafachuu jira, tanaafi isanileeni haalo baafad'a, akuma worri nama d'ibi tolche, worrale tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachattii irra naannaya'aa geerrara'aa dhaadadhaa'a! kunoo dalloofni isi'ii diiggamnaan Baabiloon harka kennatte; dalloofni isi'ii jigeera; ani worra Baabiloonii haluu bayaa isinillee haluu bayaa'a; gara jabeenna isaan kaawwan irratti raawwatan isinillee isii irratti raawwadhaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Karaa maraan isii loliisaaf iyya'a; isiin harka hin kennatti. Xelleephoon isi'ii hin jiddi; dalleenni isi'iille diigameera. Mootiin Waan Maraa waan haluu isii bayuuf, akkuma isiin worra dhibii irratti hujje, akkasuma isii irratti huja'aatii haluu baya'a.