Jeremiah 50:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa suni keesati mid'aani fach'aasanifi ka muratanile d'owa. Nami gosa d'ibi ka achi keesa tauleeni nyaapa dira suni had'u sodaate lafa ufiti gala.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka facaasuu fi ka midhaan wolitti qabatu Baabilooniin keessaa balleessaa'a; namni biyya san keessa jiraatu maruu namni maruu loltoota biyya biraa ka balaa isaanitti buusu sodaata'aa gara gosa ufiitii fi biyya ufiititti dheessanii galan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama sanyii facaasuu fi nama midhaan haamu Baabilon keessaa balleessa'a. Sababa worra shallaaga'aan nama cunqursuutiif, nami marti gara kolbaa ifii deebi'uu ti; gara lafa ifiille baqatuu ti.