Jeremiah 50:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Odu tana gosa ch'ufati hima, odeesa! Akheekha woi garsiisa, odu tana odeesa, ind'ossina, Babiloni ya balleesani! Waaqa isii, ka Merodaki jed'ani, ya fafalaansani! Waaqoota Babiloni ya ch'eersani, akheekha hama worri kad'atu ya ch'ach'absani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Banii ormaa maratti labsi'iin oduu himaa'a! malkata ol fuudha'aa oduu beessisaa'a! akka waan dhossa'aatitti hin qabatinaa'a! kunoo Baabiloon qabamtee waandhi tolfamaan Beel jedhamu akka saalfatu taasifameera; waandhi tolfamaan isi'ii ka ‹Maarduk› jedhamu caccabeera; waandhi tolfamaan Baabiloonii maruu saalfataniiran; fakiin isi'ii ka nama jibbisiisu caccabeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Gosa biyya adda addaa oddu'utti lassiitii lallabi! Beessisa ol kaasiitii oduu tana lallabi! Waan tokkolle himiisaa adoo hin lakkisin, ‹Baabilon hin qabanti; waaqi isi'ii ka dharaa Beel hin qaanowa; waaqi isi'ii ka dharaa Maardukille hin bararaqa; fakkiin waaqota isi'ii ka dharaa hin qaanowan; waaqoti dharaa ka isi'ii hin bararaqan› jedhii himi.