Jeremiah 50:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'iyoleeni, Babiloni had'a jed'a. Nama t'iyaafi guubeeni woi had'u beekhu ch'ufa yaama. Dira marsa, nama baqachu fed'u, d'owa. Waan isiini tolchite isumati deebisa, woma isiini nama tolchite isiile tolcha; wonti akanatiifi isiini ana, qulqullo Israeliti kiyyibde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Worra eboo darbachuu danda'an akka Baabiloonitti duulan waamaa'a; isaan qachattii haa marsanii; eennullee akka miliqee hin baane eegaa'a; gatii hujii hammeenna isi'iillee kenna'aaf; dhara isiin kaawwan irratti raawwattellee isii irratti raawwadhaa'a; isiin woyyuu Israa'elii uggiteerti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Worra guube'een lolu mara akka Baabilon lolanu waama'a! Nami tokkolle miliqee akka hin baane adaala isi'ii marsa'a. Isiin ana Mootii Waan Maraa, Woyyicha Israa'elii irratti waan koorteef, akkuma hujii isi'iititti gatii isi'iif kenna'a; akkuma isiin worra dhibii irratti hujje isii irralle'etti huja'a.