Jeremiah 50:42 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri t'iyaafi goraade fud'ate d'ufuu jira, worri hamama naasu inqamne. Worri hojja farda isaani yaabate gulufu aka d'awa galaana dibbisa. Ammalle worri kurfo jira, aka Babiloni had'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ebo'oo fi woraana ufii qabataniiran; isaan gar jabeeyyii araara hin qabne; hirphi faradoo isaan yaabbatanii akka galaana dambaliin dhayuuti; Baabiloon! isaan balaa sitti buusu'uuf akka namoota duulaaf deemaniititti gara kee dhufa'aaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan guube'ee fi woraana qabataneeran; isaan worra gadhi jabeeyyi'i; marartiille hin qabanu. Ee Baabilon, isaan si loliisaaf fardo'oon gulufaa yennaa dhufanu, hididdeettiin akka abbaayaa bulphittuu ti.