Jeremiah 50:44 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma nyeench'a badda Yordani keesaa bahe lafa doti marra qabdu d'ufu, anini AABBO Waaqi d'ufe, worra Babiloni tassa dira isaani keesaa baqachiisa. Duuba nama anini fohad'eti lafa mohata. Nami na gahu lafa keesa injira? Nami woi na gaafatu injira? Nami lafa fidu, ka dandae nani morku injira?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Akkuma leenca bosona jaamaa qarqara laga Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisa'aa deemuu akkasuma ani Rabbi dimmaa dhaqee worra Baabiloonii akka qachattii keessaa ari'aman taasisa; achiin maayessa ani nama ufii filadhe moosisa; eeganaa ka akka kiyyaa eennu ree? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na jala dhaabatu eennu?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Akkuma neenqi gongomaa ciggaa Yordaanosii keessaa, gara lafa marra bisile'ee dhufu, anille dedhuma gara worra Baabilonii dhufee, lafa isaanii keessaa isaan hin ari'a; nama ifii filadhe isii irratti hin mootonsa. Nami akka kiyyaa eennu ree? Nami ‹Maaf tana goote?› jedhee na gaafatu eennu ree? Tisseen na dura dhaabbatee na dhooggu eennu ree?