Jeremiah 50:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami worra argu ch'ufti worra had'a. Nyaapi isaani waan jed'u, Worri kunini AABBO Waaqati ch'ubbame, tanaafi wonti nu worra tolchine hamtuniti. Ababooti worraa AABBO Waaqa abdate, worrileeni sila AABBO Waaqa iraa goru himmalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma hoolonni nyaata bineensaa ta'an, akkasuma ka isaan arge maruu balaa isaanitti buusa; diintonni isaanii ‹nu bee womaa hin yakkinee, wonti badiin kun maruu isaan irra gayeef sababaa Waaqa abboonni isaanii ta durii abdii godhata'aa turanitti waan ka'aniif; silaa isaaniillee akkuma abboota isaanii ta durii amanamtoota ta'anii jiraachuu isaan barbaachisa ture.›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri isaan dhaggu marti isaan laxaphi godhan; diinoti isaanii, ‹Nuuti womaa isaan hin yakkine. Isaan Mootii Waan Maraa ka abbootiin isaanii ta durii addii godhatte duratti cubbuu waan hujaneef, tun marti isaan irratti teete› jedhane.