Jeremiah 51:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi yayu hayyoota Medi kaase, waan inni Babiloni balleesu fed'ufi. Aki inni waan worri mana isani qulqullo balleesefi haalo baafatu akasi. Worri lafa had'u waan jed'u. T'iya teesani qarad'a! Wonte teesani kurfeesa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kaayoon Rabbii waan mana woyyuu'uuf haluu bayuu ta'eef Baabilooniin balleessu'uuf mootota Meedoonii kaaseera; kanaafuu eboo keessan qaradhaa'a! wontee keessanillee kaasaa'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daaya qaradha'aatii, Wontee fudhadha'a! Yaadi Mootii Waan Maraa Baabilon balleessiisa waan te'eef, mootota Medoonii itti kakkaaseera. Mootiin Waan Maraa haluu hin baya; Galma ifiitiif haluu hin baya.