Jeremiah 51:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini nama gosa d'ibi, ka aka bubbeeni bua buuyo fuutu, Babiloni fuud'e balleesu, iti erga. Hojja guyyaani badi sunini d'ufu, worri moga ch'ufaani had'e lafa duwa tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani diintota alaa ka akka midhaanii isii gingilchuu fi ka lafa isi'ii balleessu gara Baabiloonii erga; isaan hennaan isiin itti baddu yoo gaye hulee maraayyuu balaa isi'itti buusan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baabilon bittinneessee lafa isi'ii duwwaa godhiisaaf, ani orma isi'itti hin erga. Guyyaa badii isi'ii karaa maraan marsanee isii hin lolan.