Jeremiah 51:27 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akheekha diraani haatani garsiisa! Magalata aka gochiti ch'ufti d'ageetu d'aa. Gosa ch'ufa had'iisa Babiloniti kurfeesa! Worra lafa Araratitifi Minitifi ka Ashkenazitini, Had'a jed'a. Worra suni abba duula iti tolcha. Fardoole aka tuuta awaanisaa gabaasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin malkata akka balaa dhufu mudhisu kennaa'a; akka baniin maruu dhagayuu danda'anitti xurumbaa afuufaa'a! akka Baabilooniin woraanan banii qopheessaa'a; mootonni Araaraatii, Miniiniitii fi Asheeknaazii akka balaa buusan itti himaa'a; nama loltoota bulchu muudaa'a, faradoo akka tuuta awwaannisaa baay'atan fidaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Beessisa lolaa lafa mara keessatti ol kaasa'a! Gosa biyya adda addaa oddu'utti tultullaa afuufa'a! Isii loliisaaf kolbaa qopheessa'a! Mootummaa Araaraatii mootummaa Miiniitii fi mootummaa Ashkenaasii, Baabilon loliisaaf waama'a. Ajajaa loltootaa itti fila'a; fardoo akka tuuta awwaannisaa itti erga'a.