Jeremiah 51:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askarti worraa t'iya darbachu d'owa, miha lolaale keeyachu d'owa. Kaima inhambisina, duula worraa ch'ufa hobaasa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga loltoonni isi'ii eboo ufii midhaaffatanii fi haga isaan uffata lolaa uffatanii hennaa hin kennina'aaf; ka'imman isaaniitiifillee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a; loltoota isi'ii maraa balleessaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin meya ifii ka lolaa yoo hidhatte, guubee ifiille yoo qopheeffatte, isinille daaya keessan isi'itti darbadha'a. Dargaggoota isi'iitiif hin nayina'a; loltoota isi'ii mara fixa'a.