Jeremiah 51:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartini Babiloni yayu had'iisa lakifte maneeni worraa jajabduti hafte. Worri ya ufi jibbaate waan tahu wollaale, irre d'abe, nad'eeni fakaate. Ch'ufana fullo dira ya ch'ach'absani, maneenile ch'ufa ibida iti kayani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoonni Baabiloonii lola dhiisanii kushee ufii keessa taa'an, onneen gootumma'aa isaan keessaa badee akka intalaa ta'an; loosaan karra dallawa qachatti'ii caccabeera; manniin ibiddaan gubataniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti Baabilonii loliisa lakkisaneeran; Kushee jadduu ifii keessa tee'aneeran. Isaan hunna dhabanee, akka dubarti'ii te'aneeran; mana isaaniititti ibiddi qassiifameera; danqaraan karra isaaniille caccabeera.