Jeremiah 51:34 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Babiloni dira Yerusalemu had'e, nama isaa nyaate fit'e, akuma okhole aanani fooqise, akuma gorjama liqimse, waan fed'u ch'ufa fud'ate, ka iraa hafele ch'ufa gadigate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin saamee isii bulleessee akka meeshaa womaa hin qabnee isii taasise; inni akka jawwe'eetitti banii isi'ii liqimse; waan mimmishaa fudhatee ka hafe garuu akka midhaan nyaatanii lafatti hafee gatanii isaan gate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Xiyoon keessa le'u, ‹Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar akka jawwe'ee nu liqinsee, caccassee nu nyaatee, akka okkotee duwwaa jirtuu nu godhe. Cooma kennaan gadhaa ifii guutatee deebisee nu tufe.