Jeremiah 51:36 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi AABBO Waaqi waan worra Yerusalemutini jed'e, Anini d'iba keesani ya arge, amma isanii dubbad'e, nyaapa keesanile haalo isanii baasa. Anini madda bisaani Babiloni gosse galaana worraale kuta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Ani isin gargaara; worra Baabiloonii garuu haluu isinii baya; burqaan bisaaniitii fi lanni worra Baabiloonii maruu akka gogan taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa kolbaa Yerusaalemiitiin: «Kunoo ani marroo teessaniif falmadhee worra Baabilonii irratti haluu hin baya; ani laga isaaniitii fi bisaan isaanii hin gossa.