Jeremiah 51:57 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini nama isii mohatu, jara qaqaroofi jaaroleefi askarti worraale ch'ufa farso iti guure macheesa, worri d'aqe rafa, itumaa deebie lafaa inkau. Nami dubbi tana jed'e ana hayyicha AABBO Waaqa gudda.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani abboota isi'ii ka murti'ii, ogeeyyii isi'ii, bulchoota isi'ii, ajajoota loltootaatii fi loltoota isi'ii akka dhuganii machaayan taasisa; achiin maayessa hin rafan; baraa haga bara baraa hirribaa hin dammaqan; ka waan kana dubbate ana mooti'i; maqaan kiyyallee Waaqa banii maraati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootichi ka maqaan kiyya, ‹Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade› jedhamu qondaaltota isi'ii, qaroolee isi'ii, sooressitoota isi'ii, ajajjoota loltootaatii fi loltoota isi'ii hin macheessa. Isaan haga bara baraa rafanee hin dammaqanu.