Jeremiah 51:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gosa d'ibi ka achi tau waan jed'u, nu dira Babiloni qarqaaru feene, ammo wonti sunini ya dabarte. Koota, amma lakimne kaane biraa galla. Waaqi yayu Babiloni irre isaa ch'ufaani gaargalche aka male balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni alaa ka isii keessa jiraatan akkana jedhan, «Nu'u Baabilooniin fayyisu'uuf badanne, isiin garuu fayyuu hin dandeenne; murtiin isi'itti murtaaye haga duumessaa ka ol fagaatee fi achii olillee haga sami'ii waan ol fagaateef marti keennaa isii dhiifnee gara biyya keennaa haa deemnuu.› »
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ormaa ka achi keessa le'u, «Nuuti Baabilon fayyisiisaaf wodhaanneerraayyu; isiin ammoo fayyuu hin dandeenne; muraan isii irratti murante akka duumensaa ol kaatee, gubbaa waan dhaqqaddeef, isii lakkinnee, tokko tokkoon keenna gara biyya teennaa deenna» hin jedhan.