Jeremiah 52:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Babiloni utuba sibiila diimani mid'aasanifi waan gaari fakaata ka Mana Waaqa keesa jiru ch'ufafi haro gingiti sibiila diimani mid'aasanile ch'ufa ch'abse akanaani waan sibiila diimani mid'aasani suni ch'ufa lafa Babiloni geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Baabiloonii utubaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka mana woyyumma'aa, meeshaa gangalatu ka meeshaa irra kaayanii fi gongaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka bisaan itti kuufamu caccabsanii sibiila diimaa maraa gara Baabiloonii fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara Biyya Baabilonii geessane.