Jeremiah 52:20 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Miha Solomonini sibiila diimani Mana Waaqati mid'aase — utuba lamaanifi waan aka gaari kaanifi haro gingiti taanifi waan aka koromi looni ta sibiila diimani mid'aasani, ta isiini ira ejitule, dandaani ulfinna isii haga imbeekhani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma utubaa lamaanuu gongaa sibiila diima'aan akka bifa kormaatitti hojjatamee fi waan gangalatu ka meeshaa irra kaayan ka mootichi Solomoon mana woyyuu keessatti haa ittiin tajaajilamani'iif hojjachiise maraa fudhate; sibiilli diimaan ka meeshaan kunniin irraa hojjatame waan guddisee ulfaatuuf madaaluu dadhaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Madaalliin utuboota lamaa ka sageettu'uu, waabaa bisaanii ka sageettu'uutii fi fakkii korommii sageettuu irraa hujamane kudhanii lamaa ka waabaa bisaanii jala jiranu, wonni meya irra keyanu ka sageettu'uu ka korboo qabanuu, ka mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif hujee hagana hin jedhamu.