Jeremiah 52:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Utubaani lamaani haguma taka: Old'eerinni isaa d'und'uma kud'ani saddeeti, ballinni mata isaa d'und'uma kud'ani lama. Utubaani sibiila mid'aasani suni lachu aka d'uyuma jira, furdinni afaani isaa haga gana harkaa. Utuba suni lachu gubbaa waan aka sure ka sibiila diimani mid'aasaniti jira, ta kamu d'eerinni isii d'und'uma shani, ammalle waan aka okhoku ka sibiila diimani mid'aasanini marsani barreesani ch'okhani. Waan kana ch'ufa sibiila diimani mid'aasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Utubaan lamaanuu ka boca tokkoon hojjatamee ka meetira saddeeti dheeratuu fi ka furdinni naannaya isaa meetira shan; keessi isaanii bana'a; furdinni sibiilaa mili meetira torbaatamii shan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Utubooti lamaan hojjaan tokko tokkoo isaanii ciqilee kudhanii saddeeti; furdinni tokko tokkootuu ciqilee kudhanii lama; keessi isaaniille holla qabaatee, rogi afaanii taakkuu afuri furdata.