Jeremiah 52:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tana male Nebusaradanini, ka gudda askarti, qaallicha gudda Seraya jed'anifi Sefania ka isati aanufiufi ammalle jara gugurda Mana Waaqa keesa hojatu nama sadi qaqabe Babiloni geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Naabuzardaan ajajaan loltootaa banii sanniin maraa woliin Sarayaa hangafa gadootaa, Sofoniyaasii gadicha baallii qabu ka isatti aanee hojjatuu fi namoota biraa sadiin balbala mana woyyuu eegan hidhee achi fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eedduu, Seraayaa hayyicha sooressa, hayyicha itti aanaa Sefaaniya'aatii fi eeddota karraa sadiin booji'ee fuudhee deeme.