Jeremiah 52:25 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira keesa inni nama askarti ch'ufaa matatiifi nama torba ka makala hayyu, ka dira keesati hafefi namicha nama askartiti mataati aanu, ka waan askarti lafa suni ch'ufa t'aafufi, ammalle nama jaatama d'ibii, ka gurra qabu, ch'ufa woliini qabe geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachattii keessaallee nama baallii qabu ajajaa loltootaatii fi worra mooticha gorsan namoota torbaa ka haga hennaa sanii qachattii san keessatti argaman, barreessaa waan loltootaa gargaaraa ajajaa loltootaatii fi namoota gugurdaa biraallee jahaatama fudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa keessatti worra hafane keessalle'ee ajajaa loltootaa, gorsitoota mootichaa torba, barreessaa ajajaa loltootaa ka kolbaa lafa sanii duulaaf filuu fi namoota dhibii ka qachaa san keessatti dhaggamanu jaatama fuudhee deeme.