Jeremiah 6:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra Benjamini, baqad'a, lubbu ufi baasa! Yerusalemu keesaa baqad'a! Tekoa keesa magalata d'aa, Beth-Hekeremu keesa goola ibidaa old'aaba. Waan hamtufi badiini gara mirgati d'ufuu jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin banii Biiniyaamii! lubbuu teessan oolfachu'uuf baqadhaa'a! Yerusaalemiin keessaallee bayaa'a! biyya Taqoha'aatitti laagaa xurumba'aa dhageessisaa'a; Beetakaareemitti ibidda malkataaf ta'u bobeessaa'a! badi'ii fi balaan gara kaabaatii dhufu'uuf ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee kolbaa Beniyaamii, wonni hantu'uu fi badiin guddoon gara Kaabaatiin waan dhufaartuuf, Yerusaalem keessaa baya'aatii baqadha'a! Teqo'aa keessatti tultullaa afuufa'aatii Bet-Hakereem irratti beessisa lolaa ol kaasa'aatii mudhisa'a.