Jeremiah 6:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan hamtu kana tolche jennaani ya ch'eere? Hiyo, worri diqole inch'eere, fuuli worraa diqole ingolgolomne. Tanaafi akuma nami duri bade, worrileeni bada; gaafa anini worra gaargalche, muummeeni worraa suni. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan nama jibbisiisu kana maraa hojjatanii saalfachuu dhiisii ijuma ufiituu hin limsanne; kanaafuu akkuma kuuwwan kufan isaanillee hin kufan; ani hennaa isaan adabu dhuma isaanii ta'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan jibbisiisu waan hujaneef qaanowaneeranii ree? Waawwo'o ijjumaa hin qaanonne; isaan qaaniin maan akka teeteeyyuu hin beekanu. Tanaaf worra jigu woliin hin jigan; ani yennaa isaan adabulle hin salphatan» jedhe.