Jeremiah 6:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma eeli bisaani qullo maddu akasuma Yerusalemuni hameenna isii hama madditi. Dira suni keesati waan nama woldide woli balleesu d'agayani — wonti anini keesati argu madaafi d'ukuba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma boolla keessaa bisaan burqu Yerusaalemillee burqaa hammeenna maraati; wonti isii keessatti dhagayamu laagaa badi'iitii fi ka hammeennaati; wonti hennaa maraa isii irraa mudhatu dhibe'ee fi mada'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma boolli bisaanii bisaan madditu, qachaan Yerusaalemiille madda hammeennaa ti; hunnaan nama irratti ka'iisii fi badiin achi keessatti hin dhage'anti; ani dhibe'ee fi madaa yennaa mara achii keessatti dhagga.