Jeremiah 6:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra Yerusalemu, wonti kunini ha gorsa isanii taatu, yokhaani anini isani biraa deeme dira keesani lafa gamooji ta nami keesa inteenne, tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin banii Yerusaalemii! rakkoon kun gorsa isinii haa ta'uu; ta'uu baannaan uf afo'oo isin balleessa; qachaa teessan gara lafa gammoojji'ii jijjiiree akka eennullee isii keessa hin jiraanne taasisa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Yerusaalem, ifi eeggadhu! Yoo hin te'in ani lafa teeti onsee nami tokkolle akka keessa hin leene hin godha» jedhe.