Jeremiah 7:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan anini qara Shilo tolche amma Mana kiyya kana, ka isani d'ugeefatani tolcha. Arma fulla tana ta anini ababoota teesanifi isanile kenne, akuma qara Shilo tolche tolcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu akkuma Sheelo'otti godhe, mana woyyuu kiyya ka isin hedattan kanattillee godha; hulee kana ka ani isinii fi abboota teessanii ta duriitii kenne irrattillee akkasuma godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha.