Jeremiah 7:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Rifeensa keesani haada gata; gaareeni gubbati faaru boha d'awad'a, wonti akanatiifi anini AABBO Waaqi ya dallane gumi tiyya lakise lafa buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin banii Yerusaalemii! rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii gata'aa gaddaa'a; gara tulloota mukkiin irra hin jirree gubbaa ol baya'aatii faarsa'aa booyaa'a; Ani Rabbi aaree loleera; banii kiyyallee darbee uf afo'oo balleesseera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a.