Jeremiah 7:31 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bale Hinomu keesa waan sorio irati baasani ka Tofethi jed'ani jaare, aka ilmaani worraa ta d'iiratifi ta dubraa gubani sorio baasani. Anini waan kana tolcha worraani injenne, yokhaani herega akasile takaa inqabaanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan ani hin yaannee fi waan ani isaan hin ajanye ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaa ibiddaan guba'aa ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa ka Toofeeti jedhamu hojjataniiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waan ani isaan hin ajajin, ta ani qalbii tiyya keessaa hin qanne, ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta duraa ciincaa dhikeessiisaaf dhooqa ilma Hiinomii keessatti, addee waaqonfanna'aa ta «Toofet» jedhantu ijaarane.