Jeremiah 8:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gumi tiyya, akuma nami mid'aani ufi wolti guurru, guurru fed'e, ammo worri zabibu mid'aani inqamneefi oda mid'aani inqamne fakaata; obeensileeni ya qanch'oorate. Tanaafi anini nama gosa d'ibi lafa teesani fud'ach'iisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma qonnaan bulaan midhaan ufii wolitti qabatu anillee banii kiyya wolitti qabuu barbaade; isaan garuu akka biqiltuu woyini'iitii fi akka muka hurbu'uu ka daraaraa hin qabnee ka baalli isaa irraa harca'ee na jalaa ta'an sababaa kanaaf lafa isaanii kenne akka worri ormaa jalaa fudhatan taasise.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«‹Mootiin Waan Maraa: Ani waan isaan galfatanu mara hin balleessa; muka woyni'ii irra midhaan woyni'ii, muka harru'uu irra midhaan harru'uu hin jiraatu; koolli isaaniille hin qoora; wonni ani isaaniif kenne marti isaan irraa hin fudhatama› jedha» jedhe.