Jeremiah 8:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me ch'aqasa! Lafa ch'ufa keesa anini qonqo gumi tiyya ta, AABBO Waaqi Sioni keesa injiru? Hayyuuni Sioni achi injiru? jettu d'agaya. AABBO Waaqi, hayyuuni worraa, waan jed'u, Isani maafi na dallansiiftani waaqa harkaani boch'ani kad'attani akheekha woma keesa injirre durati gajettani?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mee na dhagayaa'a! «Rabbi deebi'ee Tsiyooniin keessatti hin argamuu? mootiin Tsiyoonii deebi'ee achi keessa hin jiraatuu?» jedha'aa hennaa baniin kiyya lafa maratti iyyan dhagaya'aara; Rabbi mootiin isaanii «waaqolee tolfamaa waaqeffachu'uu fi waaqolee ormaatii sagada'aa wonti na aarsitaniif maali'i?» jedhee isaanii deebisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Iyya kolbaan tiyya biyya fago'oo irraa, «Mootiin Waan Maraa Xiyoon keessa hin jiruu? Mootiin isi'ii achi keessa hin jiruu?» jettu dhage'i. Waaqi ammoo, «Isaan fakki'ii fi waaqota dharaa ka ormaa waaqonfatiisaan maaf na aarsan» jedha.