Jeremiah 9:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini waan jed'e, AABBO Waaqa, lafti maalifi onte gogodde lafa gamooji ta nami keesa injirre taati? Eenuti qalbi waan kanaani hubatu qaba? Atini eenuti himte. Aka inni nama d'ibi barsiisu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akkana jedhe, «Wonti ardiin lafa onaa fi ka womaa keessa hin deemnee fi irra hin jiraanne taateef maali'i? namni ogeessi waan kana hubatu eennu? akka inni namoota biraatitti himu ka ati waa kana ibsiteef eennu?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami qaroon waan kana hubatuu dande'u eennu? Mootiin Waan Maraa itti mudhisee, nami waan kana himuu dande'u eennu? Latti maaf akka goomolee nami keessa hin deennee, ona teete ree?