Jeremiah 9:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini waan jed'e, Isani nad'eeni, dubbi AABBO Waaqa ch'aqasa, waan inni jed'u ch'ufa d'agaya! Dubra teesani faaru boha barsiisa, jaalaani teesanile sirba namaani awaalani d'aafi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee akkana jedhe, «Isin dubartoonni waan Rabbi jedhu caqasaa'a; dubbii isaallee qalbi'itti fudhatu'uuf qophaayaa'a; ijoollee teessan ta durbaa attamitti akka booyuu isaan barbaachisu isaan barsiisaa'a; akkaataa itti faarsa'aa boochisanillee goshoota teessan barsiisaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee, dubartoota Yihuda'aa, amma jecha Mootii Waan Maraa caqasa'a! Jecha afaan isaa keessaa bawu dhage'iisaaf, gurra keessan banadha'a. Ijoollee durraa teessan attam akka bowanu barsiisa'a; Faaruu awwaalaa wol barsiisa'a.